Oromiyaa

From Wikipedia
Gara kallatti ce'i Gara barbaadutti ce'i
Kanas ilaali: Oromoo
Oromiyaa
Flag of the Oromia Region.svg
Oromia in Ethiopia.svg
Biyya: Itoophiyaa
Magaalaa Guddaa: Finfinnee
Afaan Hojii: Afaan Oromoo
Ballina: 284,538 km²
Baayyina ummataa: 27 158 471 (2007)
Tuuta'insa ummataa: 95/km²

Oromiyaan ( Afaan Ingiliish: Oromia) kutaalee Itoophiyaa saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.

Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee hundaan wal daangessiti. Kun immoo yeroo tokko tokko walitti bu'insa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee keessatti. Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Baalee, Boorana, Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Iluu Abbaa Booraa, Jimma, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Wallagga Bahaa, fi Wallagga Dhihaa ti.

Seenaa[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Seenaa Oromoo

Jaarraa digdamii tokkoffaan duraatti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa Addis Ababaa jedhamunis beekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fideen ture. Morkitoonni akka jedhanitti bulchaan Itoophiyaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamuu ishee hin barbaadne jedhaniiru.[1] Karaa biraammoo, Finfinneen afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisudhaaf mijaata miti jechudhaan mootumman ni dubbata. Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO) kan kutaa bulchaa Adda Demookraatwaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ta'ee, magaalaa guddoo Oromiyaa akka Finfinneetti deebisu ifa godhee.

Afaanota[edit | Lakkaddaa gulaali]

Kanas ilaali: Afaan Oromoo

Afaan Oromoo (Oromiffa), kan yeroo ammaa qubee Laatiniitin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa 83.5% ta'a. Afaanonni kan biraa kan baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti), afaan Guraagee (Sabat beet Guraagee, Sooddoo fi Silxee), Hadiyyaffaa, afaan Gede'oo (0.98%) (keessumaayyuu Shawaa Dhihaa fi Bahaa keessatti), Tigiriffa (0.25%). Afaanonni Oomotiik ummata muraasaan naannoo Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Lixaa keessatti ni dubbatama; afaanonnii Naayiloo-Sahaaraa (Koomoo, Majangi, Gumuzii fi Bartaa) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.

Diinagdee[edit | Lakkaddaa gulaali]

Farm mechanization in Oromia.jpg

Akka ATI (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti, bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083 oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa 44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%), fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree 278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070 (37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.

Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba, kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).

References[edit | Lakkaddaa gulaali]

  1. Mosisa, Abraham T. Letter to U.N. Secretary-General
Qoqooddama Itoophiyaa Flag of Ethiopia
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo


Godinaalee Oromiyaa[1][2]

Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa
  1. "Oromia zone". oromiyaa.gov.et. 
  2. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).