Shrek

From Wikipedia
Jump to: navigation, search
Shrek

Shrek movie "animation" yoo ta'u kan irratti hunda'es kittaba Fairy Tale William Steigiin bara 1990 kan barrefame irratti hunda'etti, kittabni kunis maqumma kana (Shrek) qaba ture. Movien kuni kan "directed" (namicha video akkam akka kasanu ilallu) godhe immo namicha New Zealandii Andrew Adamson jedhamun yoo ta'u kan "animate" godhamen immo DreamWorks Animation SKG kan jedhamun. Movien kun bara 2001 kan ba'e yoo ta'u, filmiin kun film yeroo durraf Academy Award for Best Animated Feature fudhatte dha. Qoqqodami kunis (Academy Award for Best Animated Feature) kan itti ba'es bara 2001 dha. Shrekiin DVDiin kan ba'e November 2, 2001it.

Maqqan Shrek jedhu kun kan dhufee Afaan Yiddish kan שרעק jedhamu (pronounce yoo godhan Shreck) yokan immo Afaan German kan Schreck jedhamu irra yoo ta'u, Afaan lachuun hikkan "fear" yokan "terror" (sodaa yokan riffu) jechu dha.

Filmiin kuni qonqoo Mike Myers kan akka ogre gudda, jabba, magarissa fi kopha ta'u jallattu, kan Shrek (character)Shrek jedhame wamamu ta'e yoo hojjatu (Fakki [1]), Cameron Diaz akka Princess midhadu fi daftee riffatu kan Princess Fiona jedhamtu tatte, Eddie Murphyn immo akka harre bayye dubbatu kan maqqan Donkey jedhamu ta'e, fi John Lithgow immo akka nugusa hammena qabu Lord Farquaad jedhamu ta'e hojjata. Chris Farleyiin duraan qonqoo Shrek hojjata jedhame eggama ture, haa ta'u malle qonqoo warrabamun hanga wallaka ergaa hojjate bodda du'u danda'erra. Achiin bodda "Dreamworks"iin Mike Myers akka qonqoo Shrek hojjatu godhe.

Myersiin ergaa qonqoo kennu fixxu ga'e, Productioniin movie jalqabuf ga'e bodda, Myersiin qonqon isaa kun akka Scottish Accentiin akka itti debi'e hojjatamuf gaffate. Accentiin kunis accenti durii hadhii isaa story galgalla galgalla ittin dubstuf ture. Akkasumas Myersiin accentii kana yerro Saturday Night Live, akkasumas character Stuart Mackenzie jedhamu kan motion picture So I Married an Axe Murderer jedhamuf fayyadammerra.

Filmiin kuni nama ganna guddaf ta'u jedhame himama, kunis waan nama gudda kofalchisu danda'uf akkasumas ijollefis kan gallu danda'u dha. Bayyinan Pop music kan fayyadamu filmiin kun, soundtrackiin immo sirbaa Smash Mouth, Joan Jett, The Proclaimers, Jason Wade, The Baha Men, fi Rufus Wainwright sirbamme ofii kessa qaba.

Bara 2001 yoo ba'u bayye bekkama kan ture yoo ta'u, DreamWorksiin "animation"iin kessattu "computer animation"iin akka Walt Disney Pictures wajjin akka wal-fokku danda'u tasiserra. Kan malle Shrekiin company (DreamWorks)animation production kessatti akka mascot (fakki akka ofii gargar itti basanitti) fudhatamu danda'erra.

Filmiin kun Bravo's kessatti qoqqodama "100 Funniest Movies" (movie nama kofalchisaan 100) kessatti sadaffa irratti ka'amu danda'erra. Akkasumas Shrekiin Channel 4 poll of the 100 greatest family films irrati lammafa irra ka'amu danda'erra, haa ta'u malle E.T. irra fudhachu danda'erra.